COVID-19 tools and resources: symptom checker, visitor restrictions, testing info and safety measures. Learn more

post image

Ijoollee quba isaani Hodhan/xuuxan!

Ijoollee quba isaani Hodhan/xuuxan!
************************************
Daa’imman gadameessa haadhaa keessa osoo jiranii naannoo ulfa torban soddomaa (30weeks) eegaluun quba isaanii ni hodhu. Akkasumas maatiin daa’imman boo’an tasgabbeessuuf, dhukkubbii hir’isuu fi raffisuuf quba isaanii afaan isaan kaa’uun kan barame dha. Isaan kun amala deemsa guddinaa keessatti mul’atanii fi kan dhiibbaa hinqabne dha. Yeroo hedduus umurii ji’a tokkoo booda haadha buddeenaan bakka bu’a.
Naannoo umurii waggaa lamaa booda daa’imman hedduun amala akkanaa dhiisaa deemu. Haa ta’u malee darbee darbee ijoollee muraasa biratti amalli kun dhiisuu dhabuun itti fufee afaan irrattii fi dandeettii dubbachuu irratti dhiibbaa guddaa geessisuu mala.
Fakkeenyaaf:-
Lafeen mangaagaan olii fi gadii seeraan walitti dhufuu dhabuu (waldarbuu).
Ilkaan dhaabbattaa jalaan biqilaa jiru irratti dhiibbaa uumuun karaa hin taane akka biqilan taasisuufi kkf fiduu danda’a.
.....
Amala akkanaa daa’ima isaanii irraa kutuuf wantoota maatiin dalaguu qaban.
Yeroo daa’imman wanta kana dalagan itti dheekkamuu dhiisuun yeroo isaan irraa of ittisan badhaasuu fi jajjabeessu.
Wantoota adda addaan harka isaanii ko’oomsuu.
Dibata hadhaawaa ta’e kan fayyaa daa’imaa hin miine qeensa qubaatti dibuu.
Osoo hin nuffin sirriitti irra deddeebi’uun barsiisuun akka ofii dhiisan taasisuu fi
Hanga isaan dhiisanittis obsa qabaachuu dha.
**Haa ta'u malee akka dafee dhaabbatu barbaadame malli biraan 'Brace’ ilkaanii fayyadamuun furmaata ammee fida.
Hospitaalli keenya rakkinoota isin mudataniif yeroo mara furmaata qaba!
👨‍⚕️Teessoon keenya magaalaa jimmaa Naannoo Yetabaabaruutii Baankii Daldala Itiyoophiyaa Fuuldura.
Odeeffannoo dabalalataaf
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Lakka Bil:- 047 211 2200
093 367 4588
Share
avatar
Oda Hulle Oficial Blog
Recent Posts